HAWAASA KALAQAA

Pirojektii idil-addunyaa

Lubbuun Namaa Gatii Ol'aanaadha
#creativesociety
HAWAASA KALAQAA pirojektii idil-addunyaa namoota biyyoota 180 ol irraa dhufan tola ooltummaadhaan tokkoomsudha. Galmi pirojektichaa, karaa seeraa fi nagaa ta'een, yeroo gabaabaa keessatti, gara bifa kalaqaa haaraa hawaasa addunyaa guutuutti, bakka lubbuun dhala namaa gatii olaanaa itti ta’utti ce’uudha.

Hawaasni Kalaqaa Akkamitti Jalqabame?

Qorannoon hawaasummaa tola ooltummaa guddaan waggoota kudhanii keessatti gaggeeffame, fedhii dhugaa bifa hawaasaa haaraa ta’e mul’ise. Deebiin namoota miliyoonaan lakkaa’aman biyyoota adda addaa 180 keessatti argaman irraa argame, hawaasa keessatti wanti aantummaa olaanaa qabu gatii lubbuu namaa ta’uu akka qabu mirkaneesse.

Hirmaattotni qorannoo hawaasummaa kana irratti hirmaatan hundi gaaffii wal fakkaatu gaafataman: “Addunyaa akkamii keessa jiraachuu barbaaddu?” Deebii kenname irratti hundaa’uun Utubaawwan 8 ijaaramanii hawaasa bifa haaraa Hawaasa Kalaqaa jedhamu ijaaruuf bu’uura ta’aniiru. Hojiirra oolchuuf yeroo ammaa kana namoonni addunyaa mara irraa walitti dhufanii pirojekticha keessatti maqaa tokkoon tarkaanfii fudhachaa jiru.

Pirojektii Hawaasa Kalaqaa Duuba Eenyutu Jira?

Namooto miliyoonaan lakkaa’aman aadaa, sabummaa, amantii fi amantaa adda addaa irraa, addunyaa keenya gara gaariitti jijjiiruu barbaadanii fi kana seera qabeessaa fi nagaan akkamitti akka raawwatanu beekan. Guyyaa guyyaan lakkoofsi namoota akkasii dabalaa deema.

Namoota addunyaa mara irraa dhufan, kanneen of gurmeessanii fi bu’uura seeraa keessatti ciminaan socho’an, kaayyoo walootiin tokko ta’an: jireenya nagaa fi badhaadhina dhala namaa hundaa fi dhaloota dhufuuf haala gaarii uumuuf hojjatan.

Pirojektii Hawaasa Kalaqaa eenyutu maallaqaan gargaara?

Gochoonni fi hojiiwwan bu’uura pirojektii Hawaasa Kalaqaa keessatti raawwataman hundi hirmaattoota pirojektichaa ofii isaanii qofaan, kaka’umsa isaaniitiin, filannoo fi fedhii isaaniitiin, akkasumas baasii maallaqa ofii isaaniitiin kan raawwatamanidha.

Pirojektiin Hawaasa Kalaqaa herrega baankii, faayinaansii ykn qabeenya hin qabu, maallaqa hin kuufatu, bu’aa tokkollee hin argatu.

Hawaasni Kalaqaa pirojektii guutummaatti tola ooltummaa irratti hundaa’ee fi bu’uura seeraa keessatti socho’uudha. Mootummoota, dhaabota ykn jaarmiyaa adda ta’an osoo hin taane dantaa namoota ofii isaanii qofa bakka bu’a.

Hawaasni Kalaqaa Maaliif Addunyaa Guutuutti Barbaachisa?

Bifti Hawaasa Kalaqaa addunyaa guutuutti barbaachisa sababni isa qofatu moodeela tokkicha:
 

Rakkoo qilleensaa dabalatee rakkoolee addunyaa hundaaf furmaata ni kenna;
Egeree waraana, walitti bu’iinsa, jeequmsa, hiyyummaa, beela hin qabne ni mirkaneessa;
Dhalli namaa saffisaa fi karaa nagaan sadarkaa haaraa guddina jijjiirama tirannaatti akka tarkaanfatu ni dandeessisa;
Nageenya, fayyaa, fi guddina gama hundaa nama dhuunfaa hundaaf wabii ni kenna.

Biyya Tokko Yookaan Gamtaa Biyyoota Hedduu Keessatti Hawaasa Kalaqaa Ijaaruun Ni Danda'amaa?

Har’a biyyoonni addunyaa walitti hidhata guddaa fi wal-irratti hirkatanii jiru. Kanaafuu, biyya dhuunfaa tokko keessatti ykn illee gamtaa biyyoota hedduu keessatti bifa hawaasaa kalaqaa hundeessuuf yaaluun hojiirra ooluu hin danda’u.

Hawaasa Kalaqaa ijaaruun kan danda’amu yeroo dhala namaa hundi addunyaa guutuutti yeroo tokkotti hirmaatu qofa. Murteen mirkaneessaa rifarandamii addunyaa irratti osoo hin fudhatamin dura biyyoonni dhuunfaa gara Hawaasa Kalaqaatti ce’uuf akka yaadan qofa labsuu danda’u. Biyyoonni dhuunfaa ykn gareen biyyootaa ofuma isaaniitiin gara Hawaasa Kakaqaatti ce’uuf yoo yaalan nageenyi isaanii akkasumas nageenyi ummata isaanii biyyoota Hawaasa Kalaqaatti hin makanneen balaadhaaf saaxilamuu danda’a.

Utubaawwan 8n Hawaasa Kalaqaa

Utubaaleen 8n Hawaasa Kalaqaa kan namoonni addunyaa mara irraa hawwan. Kunneen gatiiwwan bu’uuraa Hawaasa Kalaqaa rifarandamii addunyaa irratti fedhii ummataa seera qabeessa ta’een ibsuudhaan biyyoota hunda keessatti bu’uura seeraa fi seera addunyaa ta’uu danda’aniidha.
1.Lubbuu Namaa

Lubbuun namaa gatii olaanaadha. Lubbuun Nama kamiiyyuu akka kan ofiitti eegamuu qaba. Kaayyoon hawaasaa gatii lubbuu Nama tokkoon tokkoo isaa mirkaneessuu fi wabii akka qabaatu taasisuudha. Lubbuu Namaa caalaa wanti gatii guddaa qabu hin jiru, jiraachuus hin danda'u. Namni tokko yoo gatii qabaate Namootni hundi gatii qabaatu!

2.Bilisummaa Namaa

Ilmi namaa kamiyyuu mirga Nama ta'uu qabaatee dhalata. Namni hundinuu bilisaa fi wal qixa ta'ee dhalata. Namni kamiyyuu mirga filachuu qaba. Nama, bilisummaa fi mirga isaa namni fi wanti caalu tokkollee lafa kana irra jiraachuu hin danda'u. Hojiirra oolmaan mirgaa fi bilisummaa Namoomaa mirgaa fi bilisummaa namoota biroo sarbuu hin qabu.

3.Nageenya Namaa

Hawaasa keessa namni fi wanti lubbuu fi bilisummaa Nama tokkoo irratti balaa uumuuf mirga qabu hin jiru!

Namni kamiyyuu nyaata, mana jireenyaa, kunuunsa yaalaa, barnootaa fi wabii hawaasummaa guutuu dabalatee wantoota jireenyaa barbaachisoo ta’an wabii bilisaan argachuuu qaba.

Hojiin saayinsii, industirii fi teeknooloojii hawaasichaa qulqullina jireenya dhala namaa fooyyessuu qofa irratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba.

Tasgabbii dinagdee mirkanaa'e: qaala’iinsi jireenyaa fi rakkoon diinagdee hin jiru, gatii tasgabbaa’aa fi walfakkaatu addunyaa guutuu irratti, yuunitii maallaqaa tokko, fi gibira xiqqaa murtaa’e ykn gibirri hin kaffalamu.

Nageenyi Namaa fi hawaasa balaa gosa kamirraayyuu kan mirkanaa’u tajaajila addunyaa haalawwan yeroo muddamaa addunyaa tokkoomeen ta'a.

4.Odeeffannoo Ifaa fi Bilisa Hundaaf

Namni kamiyyuu waa’ee sochii fi raabsa maallaqa hawaasaa odeeffannoo amanamaa argachuuf mirga qaba. Tokkoon tokkoon Namaa haala raawwii murtii hawaasaa ilaalchisee odeeffannoo argachuu danda’a.

Miidiyaaleen ummataa kan hawaasaa qofa kan ta’an yoo ta’u, odeeffannoo dhugaa, ifattii, fi amanamummaadhaan calaqqisiisu.

5.Ilaalcha kalaqaa

Ilaalchi kalaqaa amaloota dhala namaa hundarra gaarii ta’an beeksisuu fi waan Nama tokko irratti kallattiin rakkoo uumu hunda dhaabsisuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba. Dursi guddaan dursa namummaa, hawwii hafuuraa fi naamusaa ol’aanaa Nama tokkoo, namummaa, safuu, wal kabajuu fi hiriyummaa cimsuu dha.

Guddinaa fi barnoota Namaa qubee guddaa “N” qabuuf haala uumuu, tokkoon tokkoon namaa fi hawaasaa keessatti duudhaalee naamusaa dagaagsuu.

Olola jeequmsaa dhorkuu, qoqqoodinsa, weeraraa fi mul’annoo farra dhala namaa bifa kamiinuu balaaleffachuu.

6.Guddina Dhuunfaa

Hawaasa kalaqaa keessatti namni kamiyyuu guddina waliigalaa fi itti quufinsa dhuunfaa argachuuf mirga qaba.

Barnoonni bilisaa fi hundaaf walqixa dhaqqabamaa ta’uu qaba. Ilmi namaa dandeettii kalaqaa fi kennaa isaa akka itti fayyadamu haala uumuu fi carraa babal’isuu.

7.Haqaa fi walqixxummaa

Qabeenyi uumamaa hundi kan ilma Namaa yoo ta’u, namoota hunda biratti haqaan qoqqoodama. Qabeenya uumamaa dhuunfaan to'achuunii fi itti fayyadamni sababa malee dhorkaadha. Qabeenyi kun lammiilee lafaa guutuu gidduutti haqaan raabsama.

Namni tokko yoo barbaade qacaramuuf wabii qaba. Kaffaltiin gita hojii, ogummaa addaa ykn ogummaa walfakkaataaf addunyaa guutuutti walfakkaachuu qaba.

Namni kamiyyuu qabeenya dhuunfaa fi galii argachuuf mirga qaba, haa ta’u malee daangaa hanga kaappitaala nama dhuunfaa hawaasni kaa’e keessatti.

8.Hawaasa ofiin of bulchu

Yaad-rimeen “aangoo” hawaasa Kalaqaa keessatti hin jiru, sababiin isaas itti gaafatamummaan hawaasa waliigalaa, guddinni isaa, haalli jireenyaa fi bifa walsimsiisaa, tokkoon tokkoon Namaa irra waan jiraatuuf.

Namni kamiyyuu dhimma bulchiinsa Hawaasa Kalaqaa fi seera jireenya Namaa fooyyessuuf kaayyeffate baasuu keessatti hirmaachuuf mirga qaba.

Furmaanni dhimmoota hawaasummaa barbaachisoo fi ijoo ta’anii fi dinagdee qulqullina jireenya Namaa irratti dhiibbaa geessisan marii ummataa fi sagalee kennuudhaaf dhiyaata (rifarandamii).

Hubachiisa Utubaalee 8nii
Hawaasa Kalaqaa keessatti galata moodeela dinagdee haaraa fi teeknooloojiiwwan haaraa dhiyaachuu isaaniitiin maallaqa fayyadamuun hin barbaachisu. Kanaafuu, tumaaleen murtaa’oon Utubaakeen 8n Hawaasa Kalaqaa, kanneen hariiroo maallaqaa jiraachuu irraa maddan, yeroo ce’umsaa gara Hawaasa Kalaqaa qofa keessatti barbaachisoo ta’u.

Hawaasni Kalaqaa Nama Pilaaneetii Kanarra Jiru Hundaaf Maal Dhiheessa?

Bifti kalaqaa hawaasaa nama dhuunfaa hundaaf abdii fi carraa guddaa bana.
Hojiirra oolmaa Hawaasa Kalaqaa guutummaatti mirkaneessuuf moodeela dinagdee haaraa fi teeknooloojiiwwan haaraa fiduudhaan, akkasumas adeemsa hawaasa keessatti raawwataman hedduu irra deebiin gurmeessuun barbaachisaadha. Kanaafuu, yeroon ce’umsa gara Hawaasa Kalaqaatti kan barbaachisu yoo ta’u, kunis akka tilmaama duraatti waggaa 5 hanga 6 turuu danda’a. Jalqabuma yeroo ce'umsaa gara Hawaasa Kalaqaatti, namni hundi mirga dhalootaatiin faayidaawwan armaan gadii ni argatu:
Galiin bu’uuraa waliigalaa ji’a ji’aan nama dargaggoome hundaaf USD 10,000 waliin wal gitu;
Kaffaltiin yeroo tokkoo yeroo daa’imni jalqabaa dhalate USD 100,000, yeroo daa’imni lammaffaa dhalate USD 200,000 fi kkf wajjin wal gitu. Kaffaltii ji’aa daa’ima hanga waggaa 6 dabalatee hundaaf USD 5,000 fi daa’ima waggaa 7 hanga umuriin isaa guddaa ta’eef USD 7,000 waliin wal gitu;
Manneen dhuunfaa bal’aa fi mijataa bilisaa kan bal’inni isaa xiqqaan nama tokkoof iskuweer fuutii 650 (iskuweer meetira 60) ta’e;
Kunuunsa fayyaa qulqullina olaanaa qabu addunyaa guutuutti, kaffaltii malee;
Barnoota qulqullina olaanaa addunyaa bakka kamittuu, kaffaltii malee;
Guyyoota hojii sa’aatii afur, torbanitti guyyoota hojii afur, mindaa walqixa olaanaa addunyaa guutuutti gitoota hojii, ogummaa addaa fi ogummaa walfakkaataaf. Boqonnaa kaffaltii qabu kan guyyoota kaalaandarii 30 gadi hin taane yoo xiqqaate waggaatti al lama;
Addunyaa nageenya qabu kan waraana, waldhabdee, yakka, fi malaammaltummaa hin qabne;
Tasgabbii dinagdee mirkanaa’e: qaala’iinsi jireenyaa, dinagdee dhabuu ykn raafamni hin jiraatu; gatii dhaabbataa tasgabbaa’aa addunyaa guutuutti;
Namoota dhuunfaa, daldala xixiqqaa fi giddu galeessaa irra gibirri hin kaa'amu;
Namoota dhuunfaaf meeshaalee faayidaa (gaasii, ibsaa, bishaan, hoo’isaa fi kkf) daangaa malee itti fayyadamuu, kaffaltii malee;
Liqii hunda, liqii manaa dabalatee haquu;
Imalli viizaa irraa bilisa ta’ee fi sochii daangaa hin qabne addunyaa guutuutti osoo qulqullina naannoo fi daangaa biyyootaa, akkasumas hambaa aadaa fi amantii saboota eeguu;
Guddina teeknooloojiiwwan ammayyaa jireenya dhala namaa fooyyessuu, kutaa addunyaa kamiyyuu keessatti nama hundaaf dhaqqabamaa ta’e.
In the Creative Society, our shared dream, each of us becomes a citizen of the world, endowed with equal rights. The territorial integrity of countries and the cultural heritage of each nation are preserved. Every person has the right to free movement throughout the planet, as it is currently happening between countries in the Schengen area. In this society, there are no wars, crimes, or conflicts, and all goods are accessible to everyone. We respect our cultural heritage and democratic values, striving for a world where each country preserves its uniqueness, yet the whole world becomes unified.

Faayidaan Kun Hawaasa Kalaqaa Keessatti Nama Pilaaneetii Kanarra Jiru Hundaaf Akkamitti Kennama?

Hawaasa Kalaqaa keessatti nama pilaaneetii kanarra jiru hundaaf sadarkaan jireenyaa olaanaan karaa guutummaatti moodeela dinagdee haaraa kan seenaa dhala namaa keessatti fakkeenya hin qabne. Moodeelli kun ogeeyyii addunyaa irraatiin kan qophaa’ee fi yaada dhihaate yoo ta’u, guyyaa jalqabaa hojiirra oolmaa isaa irraa kaasee jireenya keenya ni jijjiira.
Moodeela kana waliin walbaruu kan dandeessan viidiyoo bal'aa waltajjii idil-addunyaa “Rakkoo Addunyaa.Karaan Keessaa Bahanuun Jira.” jedhu irratti ifatti dhiyaate ilaaluudhaani.

Hawaasa Kalaqaa keessatti faayidaan hedduun nama tokkoof mirga dhalootaatiin akka kennamu yoo ilaalle, nama dhuunfaa irraa maaltu barbaadama?

Hawaasa Kalaqaa keessatti namni tokko faayidaa fi faayidaa hedduu argata. Kunis namni dhuunfaa kamiyyuu hojii hawaasaa keessatti hojii humnaa, gumaacha sammuu fi dandeettii isaatiin dammaqinaan hirmaachuu barbaachisa. Hawaasa Kalaqaa keessatti namoonni dhuunfaa of guddifatanii hawaasa guutuuf faayidaa akka qaama isaa isa hin hafneetti fidu.
Dhimma ummataa bulchuu fi dhimmoota ijoo jireenya hawaasaa irratti seeraa fi murtii kennuu keessatti hirmaannaan namoota dhuunfaa dammaqinaan fi itti gaafatamummaan barbaachisaa dha. Sababni isaas hawaasni kalaqaa bifa tokkicha aangoon eenyuufuu hin kennamne, garuu ummanni ofii isaatiin, murtee waloo tokkoon tokkoon nama dhuunfaa addunyaa irratti, guutummaatti of danda’ee, waltajjii filannoo addunyaa irratti hojiirra oolu waan ta’eef.
Haala kanaan, Hawaasa Kalaqaa keessatti aangoo bu’a qabeessa ta’een kan nama hundaa waan ta’uuf yaad-rimeen “namoota irratti aangoo” jedhu hin jiraatu.

Biyyi tokko nama tokkoon yommuu bultu bu’aa hamaa garmalee fiduu akka danda’uu fi biyyattiin gara hundee jabeessa, abbaa irree, mirga namoomaa tuffachuu, fi waraanni akka ka’u gochuu akka danda’u dhugaaleen seenaa ni mirkaneessu. Namni tokko murtoo miliyoonaan lakkaa’amaniif yommuu godhu dogoggoraa fi balaa qaba. Waldaa Uumaa keessatti murtoon barbaachisoo ta’an hundinuu walitti qabaan ummataan kan murtaa’u yoo ta’u, biyya ofii fi dhimmoota addunyaa ilaalchisee. Kanuma waliin namoonni namoota siyaasaa akka hoggantoota qacaramaniitti ramaduun dhimmoota adda ta’an irratti murtii akka kennan, naannoo murtaa’e akka bulchan, murtii ummanni kenne hojiirra ni oolchu.

Kunis Labsii Mirgoota Namoomaa Addunyaa fi Waliigaltee Mirgoota Siiviilii fi Siyaasaa Idil-addunyaa Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin fudhatame keessatti tumameen, mirga namni kamiyyuu kallattiin ykn karaa bakka bu’oota bilisaan filatamaniin bulchiinsa biyya isaa keessatti hirmaachuu wajjin walsima.

Maaliif bifti Hawaasa Kalaqaa moodeelota biroo wajjin wal bira qabamee ilaalamuu hin qabne

kanneen kanaan dura hojiirra oolan, kanneen ti’ooriidhaan guddatan, garuu hojiirra hin oolle illee? Sababni isaas, moodeelota gurmaa’ina hawaasummaa biroo hunda keessatti humni namoota muraasaa namoota baay’ee irratti qaban yeroo hunda bifa dhokataadhaan ykn ifatti eegamaa ture. Hawaasa Kalaqaa keessatti garuu dalagaa aangoo karaa ofiin of bulchuutiin namoota hunda gidduutti walqixa waan raabsamuuf eenyullee aangoo dhuunfachuu ykn namoota irraa fudhachuu yoomiyyuu hin danda’u.

Hawaasa kalaqaa keessatti of bulchuun akkamitti akka hojjetu bal'inaan argachuuf viidiyoo waltajjii idil-addunyaa “Rakkoo Addunyaa. Karaan keessaa itti ba'an jira” jedhu irratti dhiyaate ilaalaa.

Waggoota Itti Aanan Keessatti Hawaasa Kalaqaa Addunyaa Irratti Akkamitti Ijaaruun Danda'ama?

Hawaasa Kalaqaa ijaaruuf karoorri qabatamaan marsaa lamaa jira. Sadarkaaleen ijaarsa Waldaa Uumamaa lamaan akkaataa seera idil-addunyaa fi seera biyyaalessaatiin kan raawwatamanidha.
1
Sadarkaa Odeeffannoo
Namoonni mirgaa fi bilisummaa isaaniitti fayyadamuudhaan waa’ee Hawaasa Kalaqaa namoota biroo beeksisu. Haala kanaan Waldaa Uumamaa addunyaa guutuutti ijaaruuf gaaffiin ummataa seera qabeessaa fi nagaa ta’e ni uuma. Namoonni harki caalaan gaaffii kana dafanii yoo uuman, dafee gara sadarkaa itti aanutti Hawaasa Kalaqaa ijaaruutti ce’uun ni danda’ama.
2
Sadarkaa Qophii fi Rifarandamii Addunyaa Gaggeessuu
Biyyoota addunyaa hunda keessatti namoonni harki caalaan Hawaasa Kalaqaa erga deeggaran booda, moodeela misoomaa kalaqaa lubbuun jiraachuu dhala namaatiif fudhatama qabuu fi barbaachisaa qofa ta’ee fudhachuuf rifarandamiin addunyaa qophaa’ee ni gaggeeffama.
Qophii rifarandamii addunyaatiif bu’uurri seeraa fi teeknikaa gurmaa’ina isaaf barbaachisu qophaa’ee fudhatama.

Gaaffiin armaan gadii rifarandamii addunyaa irratti sagalee kennuudhaaf ni dhiyaata:

namoonni ce’umsa dhala namaa hunda bifa hawaasaa fayyadamummaa irraa gara isa kalaqaatti, fi dhala namaa hunda gara qaroomina tokkootti — Hawaasa Kalaqaatti — akka ta’u ni deeggaruu?

Murtoon gaariin tokko:

Utubaawwan 8n Hawaasa Kalaqaa akka tumaalee bu’uuraa Heera Mootummaa addunyaatti fudhachuu;

Waltajjiin Filannoo addunyaa guutuu tokko qaama bulchiinsa olaanaa Dachii irratti akka ta’u raggaasisuu;

guyyaa jalqabbii yeroo ce’umsaa gara Hawaasa Kalaqaatti godhamu murteessuu.

Murteen gaariin rifarandamii addunyaa irratti erga fudhatamee booda namoonni aangoo isaanii kallattiin hojiirra oolchuu kan jalqaban yoo ta’u, namoonni siyaasaa garuu hojiirra oolchitoota fedhii ummataa ta’u. Kana jechuun seerota fudhachuu, kaadhimamuu, to’achuu, fi yaadachiisuun raawwattoota hunda, akkasumas murteewwan hawaasummaan barbaachisoo ta’an hunda, Waltajjii Filannoo addunyaa tokkicha irratti sagalee kennuudhaan ummata qofaan kan murtaa’u ta’a. Waltajjiin kun bu’uura seera baasuudha, jechuunis, madda seera dirqamaa ilmi namaa ittiin jiraatu tokkicha.

Daftanii Hawaasa Kalaqaa Keessa Jiraachuu Jalqabuuf Maal Gochuu Dandeessu?

Namoota miliyoonaan lakkaa’aman addunyaa kanarra jiran kanneen duraanuu socho’anii hawaasa keessan, namoota beektanii fi namoota hin beekne karaa seera qabeessa ta’een waa’ee bifa Hawaasa Kalaqaa beeksisan waliin ta’aa. Gochoonni kun addunyaa guutuutti ijaarsa Hawaasa Kalaqaatiif fedhii ummataa uumuuf barbaachisoodha. Namoonni pilaaneetii kanarra jiran harki caalaan isaanii haala jireenyaa gaariin nama hundaaf uumuun akka danda’amu saffisaan yoo hubatan, rifarandamiin addunyaa dafee ni raawwatama.

Rifarandamii addunyaa irratti namoonni harki caalaan bifa hawaasaa fayyadamaa irraa gara kalaqaatti jijjiiruuf yoo murteessan, naannoo ji’a 6 booda yeroon ce’umsa gara Hawaasa Kalaqaatti ni jalqaba, kunis akka shallaggii duraatti waggaa 5 hanga 6 fudhachuu danda’a. Yeroo xumuramu bara haaraa Hawaasa Kalaqaa keessa seenna.

Faayidaa fi mirgi hedduun namootaaf guyyaa jalqabaa yeroo ce’umsaa irraa kaasee akka argamu hubachuun barbaachisaadha: namni hundinuu bilisummaan jireenya nageenya qabu, badhaadhina fi tasgabbaa’aa ni argata.

Waa'ee Hawaasa Kalaqaa Saffisaa fi Gahumsaan Nama Hundaa Beeksisuu Barbaadduu, Dafee Akka Dhufu?

Giddugala Qindeessaa naannoo keessan jirutti makamaa, ykn, yoo ammallee hin jirre, ofuma keessanii uumuu dandeessu. Kunis adeemsa odeeffannoo dabarsuu bu’a qabeessa ta’e kan mirkaneessu yoo ta’u, Hawaasni Kalaqaa saffisaan akka ijaaramu kan taasisudha.
Giddu-galli Qindeessaa keessan namoota itti gaafatamummaa fudhatan jiraattota mana keessanii, daandii, naannoo, ykn magaalaa waa’ee Hawaasa Kalaqaa beeksisuu fi tola ooltummaadhaan, akkaataa seera naannootiin socho’an jechuudha.
Yoo Giddugala Qindeessaa jirutti makamuu barbaaddan ykn waa'ee Giddugala Qindeessaa banuu nu beeksisuu barbaaddan, maaloo nu qunnamaa [email protected]

Gahee Namoota Siyaasaa
In Ijaarsa Hawaasa Kalaqaa keessatti

Miseensota dhaabbilee siyaasaa fi hoggantoota biyyootaa dabalatee namoonni siyaasaa sochii ogummaa, sadarkaa hojii fi beekamtii isaanii irraa kan ka’e waa’ee Hawaasa Kalaqaa odeeffannoo dabarsuuf carraa guddaa qabu. Hirmaannaan namoota siyaasaa waa’ee Hawaasa Kalaqaa odeeffannoo kennuu keessatti godhanu adeemsa ijaarsa Hawaasa Kalaqaa haalaan saffisiisa.

Hirmaattonni pirojektii Hawaasa Kalaqaa namoota siyaasaa waa’ee Hawaasa Kalaqaa dammaqinaan odeeffannoo kennan sana deeggaruuf mala seera qabeessa kamiyyuu fayyadamuu ni danda’u.

Namoonni siyaasaa Hawaasa Kalaqaa deeggaranii fi akka tola ooltota pirojektichaa ta’anii socho’an, aangoo, deeggarsa harka caaluu fi dandeettii dhugaa seera jijjiiruuf yoo qabaatanillee, heera biyya isaanii dabalatee, adda durummaan birmadummaa biyyaa, abbaa biyyummaa fi dantaa biyya isaanii, dantaa ummata isaanii, akkasumas dhaaba isaanii bakka bu’aa ta’anii filataman kabachiisuuf dirqama akka qaban yaada keessa galuu qaba.

Kana malees, namoonni siyaasaa biyya isaanii fi dirree idil-addunyaa keessa jiran mala seera qabeessa qofa fayyadamuun waa’ee Hawaasa Kalaqaa odeeffannoo kennuu fi ijaarsa ariifataa isaaf gumaachuu danda’u. Dandeettii biyya isaanii irratti hundaa’uun utubaawwan Hawaasa Kalaqaa murtaa’an karaa seera qabeessa ta’ee fi deeggarsa namootaa qofaan Heera biyyaalessaa keessatti galchuus ni danda’u, garuu kun namoota, mirgaa fi bilisummaa isaanii kan hin sarbine yoo ta’e qofa; diinagdeen, siyaasaan, hawaasummaan, aadaanis ta’e karaa biraatiin biyyattii balaadhaaf hin saaxilu ykn hin dadhabsiisu yoo ta'e; sirna mootummaa kan hin balleessine yookiin birmadummaa, walabummaa fi qulqullina naannoo biyyattii akka badu kan hin goone yoo ta'e; biyyattiin dorgommiin ala akka taatu kan hin goonee fi bu’aa badaa birootti kan geessu yoo hin taane qofa.

Hubachiisni kun sababa biyyi akkasii biyyoota biroo bifa fayyadamummaa: imaammata amanamummaa hin qabne, aggaammii fi imaammata hidhannoo irratti hundaa’een bulan waliin walitti dhufeenya itti fuftuufi. Haala kanaan, bifti hawaasa kalaqaa rifarandamii addunyaatiin osoo hin mirkanaa'in dura, biyyi kun utubaa ijoo Hawaasa Kalaqaa kan ta'e — gatii lubbuu namaa illee hojiirra oolchuu mirkaneessuu hin dandeessu. Namoonni siyaasaa jijjiirama kamiyyuu yeroo fidan adda durummaan nageenya biyya isaanii fi lammiilee ishee kunuunsuuf dirqama qabu.

Karaa biraatiin,namoonni Hawaasa Kalaqaa deeggaran seera biyya isaanii amma jiru eeggachuu malee, kan ummataa fi biyyattii waliigala irratti bu’aa badaa fiduu danda’u yoo ta’e, namoonni siyaasaa faayidaa Hawaasa Kalaqaa biyya isaanii keessatti akka galchan gaafachuu dhiisuu qabu. Utubaawwanii fi faayidaa Hawaasa Kalaqaa hunda guutummaatti hojiirra oolchuun kan danda’amu murtiin ijaarsa Hawaasa Kalaqaa rifarandamii addunyaa irratti erga mirkanaa'ee booda qofa.

Hawaasa Kalaqaa Keessatti Namni Dhuunfaa Hundi Faayidaa, Bu'aa fi Carraa Biroo Maal Argata?

Waa'ee Hawaasa Kalaqaa bal'inaan Waltajjiiwwan Toora Interneetii Idil-addunyaa afaanota addunyaa 150tti hiikaman irraa argachuu dandeessu:
Rakkoo Addunyaa. Jiraachuun Keenya Tokkummaa Keessa Jira | Waltajjii Toora Interneetii Idil-addunyaa 12.11.2022
Rakkoo Addunyaa. Karaan Keessaa Bahanuun Jira | Waltajjii Toora Interneetii Idil-addunyaa 22.04.2023
HAWAASA KALAQAA
Nu Qunnamaa:
[email protected]
Amma dhuguma namni tokko waan heddu hojjachuu danda'a!
EGEREEN FILANNOO DHUUNFAA  TOKKOON  TOKKOON NAMAA IRRATTI HUNDAA'A!